Wabi Vision
Kallattii Horro Guduruu Wallaggaan ykn Kiiramuun bakki Cabbii jedhamu eessa? mee namni beektan keessaan naaf himaa!
Shuumat Mokonnoon waliin Aanaa Giddaa,Kiiramuu,Haroo hanga Horro Guduruu Wallaggaatti socho'uun kan uummata keenya fixaa jiran keessaa ijoon; Warqinee Bay'ee, Warqee Hayinaalem, Mokee Hawaqee, Muluqan Xaggaa,Gennet Hanimuuti, Asnaaqa Balaay, Zelalem Liyii,Tadelee Balacho, Gedafae Xaagaa fi kanneen biroo warra ijooti.
12/03/2025
Oromiyaa Bahaa Godina H arargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuu maagaalaa Micataatti dhalattee
guddachuu seenaan jireenya ishee hima.
Abbaa ishee Obbo Addunyaa Waaqoo fi harmee ishee Aadde Aster Mokonnoon irraa bitootessa 07, bara 1991dhalatte. Ijoollummaa ishee irraa eegaltee barnoota isheen akkasumas, naamusaan hawaasa ishee keessatti jabduu fi jaallatamtuudha. Dhalattee umurii ishee
waggaa shanitti bara 1996 A.l.I tti mana barumsaa seente. Imala barnoota ishee kan sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa magaalaama miiccataatti qabxii olaanaa galmeessuun barattee xumurte.
Barnoota ishee sadarkaa 2ffaa erga xumurtees qabxii olaanaa galmeessuun gara Yuunvarsiitii Arbaaminci deemuun barnoota injiineriigiitiin muummee Haayidiroolik fi water
Injineriingiitiin bara 2011 xumurte. Ogummaa baratteenis biiroo bishaanii fi inerjii Oromiyaa keessatti qacaramuun yeroo
murtaa’eef hojjetteetti.
Sanaa booda moodeeliing barachuutiin hojiiwwan beeksisaa addaa addaa hojjechuun
beekamtii jabaa horachuu dandeessee turte.Akkasumas, gama aartii Afaan Oromootiin fiilmii mata dureen isaa 'Rabbirraa' jedhu qopheessuun aartii Afaan Oromoo keessa ashaaraa mataa ishee keesseetti. Miidhaginaa fi daandeettii akkasumas muuxannoo qabdu fayyadamuun Oromiyaa beeksisaa turte.
Qal’inni ishee, miidhaginni uumamaa fi beekumsi saayinsii isheen horatte wal tahuun simboo addaa itti bocuu hin hafne. Humna harkisaa kallattii hundaan ishee irratti walga’e fayyadamuun qalbii
namootaa keessa seenuun ishee hin oolle.
Uffannaan,dubbannaan,deemnaan, teenyaan, kaanaan irraa miidhageera. Kun immoo waa malee miti. Beekumsa saayinsii barattee fi kan
aadaa waliin maktee bilcheessitee gadi baasuu hin oolle.
Bara 2015 A.L.I tti seenaa jaalalaa hanga dhumaatti waliin turte kana eegalte. Weellisaa
jaallatamaa fi dinqisiifannaa guddaa uummata Oromoo bira darbee uummata Itoophiyaa biraa qabu Andu’alem Gosaa waliin jaalala kan jalqabde bara 2015 tahuutu himama. Lachuu barbaadanii wal argatan osoo hin taane ayyaanni isaanii barbaadee waan wal isaan argisiise fakkaata.
Weellisaa Andu’alem Gosaas hojiiwwan aartii isaan jaallatamummaa guddaa kan gonfate yeroo gabaabduu keessatti. Sagalee isaa kiiloleen walaloowwan bocaafi bifa qaban fayyadamee yeedaloo ajaa’ibaan weellistoota Oromoo sirban keessaa warra duraa keessatti argama. Qananii fi Andu’aalem namoota
akkasiitu wal argatee godoo jaalalaa buufatanii waliin jiraachuu eegalan. Waliin jiraatanis sirna gaa’ela isaanii taasifatanii bultii isaanii jabeeffachuuf qophiirra turan.
Guyyaa Kibxata ganamatti bari’u jechuun Bitootessa 02,bara 2017 A.L.I tti mana jireenyaa ishee gamoo darbii shanaffaa irraa sababa ammaaf adda hin baaneen kufuun boqotte. Qananii Addunyaa Waaqoo dhalattee umurii ishee ganna 25 tti lubbuun boqotte. Sirni awwaalcha ishees magaalaa Finfinnee bataskaana Kaataadiraalii qulqulluu Sillaaseetti raawwatameera. Andu’alem fi Qananiin cidha godhachuuf qophiirra jiraatan illee kana dura daa’ima tokko waliin godhatanii akka qabantu himama.
Akkaataa du’a ishee kana ilaalchisee namoonni yaadota addaa addaa himuutti jiru. Kaan hariiroo
jaalalaa waliin qabaniin akka miidhamtetti ibsu. Kaan immoo yaaliin Andu’alemiin miidhuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa ture akka jiru ibsu. Andu’aalem irratti yeroo addaa addaa yaaliin
reebichaa fi ajjeechaa irratti taasifamaa turuu kanneen itti dhiyeenyaan beekan miidiyaa hawaasaa irratti qoodaa jiru.
Konkolaataan isaa rukkutamee inni
baqatee tubboo lolaan keessa yaa’u keessa seenuun lubbuun yeroon hafes akka jiru kanneen itti dhiyoo jiran dubbatu.
Namoonni addaa addaa ammmallee yaada addaa waliif faallaa tahan argaman ibsuutti jiru. Namoonni tokko tokko Qananiin hariiroo jaalalaa qabdiutti gammachuu dhabuu irraan kan kaate sadarkaa kana irraan of geesse yoo jedhan, kaanis kanaan dura yaalii Andu’aalem irratti taasifamaa tureen yaaddoftee isa dhabuu irra of ishee dhabuu filannoo taasifachuu malti jechuun ibsu.
Haata’u malee,poolisiin magaalaa Finfinnee jaalallee ishee kan ta’ee fi waliin jiraatan weellisaa Andu’aalem Gosaa to’achuun qorannoo taasisaa jiraachuu ibseera. Bu’aa qorannoo isaas fulduratti uummataaf akka ifa taasisu beeksisee jira.
Nagaan boqodhu!
Click here to claim your Sponsored Listing.