FiraaolNa
ENTERTAINMENT
22/08/2023
Bor yeroo laga buutuu
Na waami wajjiin buunaa
Jaalalli hamma lubbuutti
Yoo duunees wajjiin duunaa
Kaleessa Abbaa kee faana
Yeroo ala teessanii
Yaadaan dhufeen deebi'ee
Karaa mana keessanii
Gammoojjin duru ho'aa
Kanaaf qorraa baddaanii
Suma waliinan oolaam
Yoo fagaannees addaani
Jaalalli kee ibsaadha
Naaf ifa akka aduu
Waa'een kee daqiiqaafuu
Takkaa na duraa hin baduu
Ati anaaf agartuudhaa
Fagootti naaf ilaaltaa
Urjiifi addeessarraa
Wanta hundumaa caaltaa
Halkanis gad hin rafuu
Osoon ilaaluu hulaa
Inni guyyaa na hanqateet
Waa'ee keen yaadaa bulaa
Eegaa ani humaa
Obsuu Hin dandeenyee
Dhoksaattan gubadhaa
Warri koo hin dhageenyee
Warri kee guyyaa deeman
Cabseetan seena dallaa
Bishaan hin badiin malee
Waliin galla!
13/08/2023
"Hin quufiin hin utaalan! Hin utaaliin hin caban!" jedhee
inni Oromoon mammaaku yoom soba ta'e? Gurbaan tokko
saantima liqimse. Saantimni sun qoonqootti rakkatte. Isa
booda wallaansa barbaachisu argachuuf gara Hospitaalaa
deeme. Qorannoon taasifameefii booda saantimni sun
tajaajila wallaansa baqaqsanii hodhuun malee keessaa
ba'uu akka hin dandeenye itti himame. Beellamni
kennameefii yeroon isaa yoo ga'u kutaa itti baqaqfamu
seene. Sodaa guddaa keessa ture.
Baay'ee akka inni sodaachaa jiru kan hubate dokterri
haasaa gabaabaa waliin taasise:
Doktera: Baay'ee waan sodaatte natti fakkaata.
Dhukkubsataa: Eyyee dokter baqaqfamuu caalaa maaltu
nama sodaachisa jetteeti?
Doktera: Hin sodaatiin. Hanga ammaatti namoota ani
baqaqsee hodhuun wallaane keessaa namni du'e tokko
qofa.
Dhukkubsata: Tole dokter! Hanga ammaatti namoota
meeqa baqaqsitee hodhiteetta?
Doktera: Ati lammaffaa kooti
🤣🤣
Dr Nafyad Getu
Dr. Gurmeessaa
Dr. Nuredin Luke
Dr Chocolate
22/05/2023
Bara jireenyakoo
Waa ol hin kaawwanne
Qotee manaa hin qabu
Gamoo hin ijaarranne
Umuriikoo guutuu
Lammiif aarsaa laadhee
Lamiifkoof jiraadheen
Lammiifan boqodhe
Ogummaakoo boonsaan
Lammii otoon gargaaruu
Har'a hiree taatee
Ba'een karaatti hafe
Dhaleekoo hadaraa
Naaf qabaa harkashee
Akka naaf qaqqabduuf
Bakka karoorashee
😢😢😢😢😢
Jedhu barsiisonni gameeyyiifi garraamonni borsaafi garaa qullaa osoo lammii deeggaranii ba'anii karaatti hafan.
Lubbu keessanif jannata jaalleewwanko !
22/05/2023
I have reached 800 followers! Thank you for your continued support. I could not have done it without each of you. 🙏🤗🎉
12/07/2022
Life is one of those precious fleeting gifts, and everything can change in a heartbeat.
11/07/2022
Kadhannaan wanta hundumaaf debii qaba.
ፀሎት ስለሁሉም ነገር ምልስ እለው።
27/04/2022
When you are content to be simply yourself and don't compare or compete, everyone will respect you.
30/03/2022
Galma Baafachuun Maaliif Barbaachisa;?
Mee Taphattoonni Kubbaa Miilaa Taphachuuf Dirretti Seenanii Qophaa'aa Jiran Haa Jannuu.Garuu Namni Tokko Akka Tasaa Muka Gooliin Itti Galu Buqqisee Sarara Gooliin Akka Gale Mullisu Yoo Haqe Akkamiin Gooliin Akka Gale Beekkama?,Bakka Goolii Itti Galchitu Gahuukee Akkamiin Beeyta? ,Dharraa Taphaa Waan Qabnuuf Qofa Taphachuun Bu'aa Hin Qabu Bakka Goolii Itti Galchinu Akkamiin Akka Galchinu Beekuu Qabna. Galma Keenya Addaan Baafannee Hin Beeknu Taanaan Jireenyi Bitaa Nutti Gala. Bakka Deemtu Odoo Hin Beekiin Makiinaa Ni Ooftaa? Hin Ooftu Akkas Taanaan Maaliif Namoonni Baayyeen Galma Qabatamaa Odoo Hin Baafatin Akkanumaan Jiraaturee? Atoo Galma Murtaa'aa Qabdaa Moo Akkanumatti Dirree Muka Goolii Hin Qabne Keeysatti Kubbaa Taphachaa Jirta (Anaaf Atiis) Ammumarraa Galma Haa Baafannuu
Dhaamsa kooti .
07/03/2022
The world will not be destroyed by those who do evil, but by those who watch them without doing anything.
YouTube Enjoy the videos and music you love, upload original content, and share it all with friends, family, and the world on YouTube.
03/02/2022
King ⚽🏆👌
Click here to claim your Sponsored Listing.