Sulula Yaadaa
Agartuu Galgalaa
11/15/2024
Baltaras
07/24/2024
Arrabsamuu irraa gara beekkamaa fi Abba qabeenyaa ta'uu!
Mucaan Suuraa irratti argitan kun maqaan dhaloota isaa (Raangoo) jedhama dhalataa Yugaandaa yoo ta'u, daa'ima Waggaa 11ti. Namoonni hedduun sababa ijji isaa gurguddaa ta'een itti qoosu ture. Mana barnoota keessatti ijoolleen bifa isaatiin tuffatanii itti qoosuus ture. Namoonni naannoo isaa hedduun, "Ati Ampuuliidha, Ati maraatuudha, Fuulli kee baayyee nama jibbisiisa..." Jedhanii Uumama Waaqayyoo isaaf kenneen isa xiqqeessanii Aarrabsu ture.
Mucaan kun garuu Uumama Waaqayoo isaaf kennetti fayyadamee Tiitookii irratti viidiyoo garaa garaa gadhiisuu jalqabe. Guyyaa tokko utuu itti hin yaadin sagalee isaa qofa fayyadamuun Tengee Tengee jedhee Viidiyoo daqiiqaa 5 hin geenye tokko Post godhe. Viidiyoon isaa kunis Namoota miliyoona 120 daawwatame. Nama beekkamaa hordoftoota hedduu qabu ta'e. Mucaan kun har'a namoota dur isatti qoosanu hunda caaleera, Dhaabbilee fi kaampaaniin gurguddoon Addunyaa kanaa mucaa kanaaf doolaara Kumaatamaan Kaffalanii beeksisa hojjechiisaa jiru. Mucaan Xiqqoon kun Yeroo kana Biyyoota Addunyaa hedduu keessa naanna'ee Bashannanaa jira. Fakkeenyaaf biyyoota inni Daawwate keessaa Dubaa'i, Iraan, Indiyaa fi Ameerikaan isaan muraasa. Gurbaan kun yeroo gara biyyoota kanaatti imalu namoota gurguddoodhaan keessummaa kabajaa ta'ee simatamaa jira
Biyyoonnii fi Hoteelonni gurguddoon Addunyaa kanaa maaloo gara biyya keenyaa Koottu jedhanii mucaa Kanaaf affeerraa godhaa jiru. Maqaan isaa yeroo ammaa, Rango Tenge Tenge Jedhamun beekkama, tiiktookii irratti hordoftoota miliyoona 7 ol qaba, Instagramii irratti hordoftoota miliyoona 2 Ol qaba. Haadhaa fi Abbaa isaatiif mana jireenyaa gamoo anbaa darbii 2 ijaaree jiruu Qananii jiraachisaa jira. Maqaan arrabsoo duaanii hundi yeroo kana jijjiiramee amma warqii Afrikaati jedhamaa jira. Warri dur isatti qoosan hundi amma ijaan isa arganii suuraa wajjin Ka'uuf hawwu.
Yeroo waa namaan jettu arrabakee eeggadhu. Akka bor wanti si gaabbisiisu hin uumamne!
❤️🥰🙏
05/18/2024
Har'a jiraachuuf Isa borii yaaduun dirqama.
Kan bor jiraatu har'a isaa Nii hooggana!
07/17/2023
"Namicha Xiyyaara Qulqulleessu tokkotu osoo xiyyaara keessaa qulqulleessuu kitaaba mata dureen isaa (Akkamittiin Xiyyaara balaliisuu dandeenyaa), "HOW TO FLY AN AEROPLANE FOR BEGINNERS (Volume 1).Kan jedhu argee dubbisuu eegale.
*Fuula (page) jalqabaa banee dubbisuu yeroo eegalu kan akkas jedhu arge! motora (engine) kaasuudhaaf xuqaa diimtuu kana xuqaa kan jedhu arge! Innis xuqee motora kaafate.
👉Innis baayyee gammadee fuula itti haanutti ce'e.....
*Akka xiyyaarri kun deemu yoo barbaadde xuqaa keelloo kana gadi qabi kan jedhu argee innis xuqaa keelloo sana xuqe.. Xiyyaarris ispeedii baayyee cimaadhaan lafarra deemuu eegale.
*Namichis baayyee gammadee Xiyyaara kana qilleensarra balaliisuuf gara fuula sadaffaatti darbe.
*Fuula sadaffaa irras Xiyyaara kana qilleensarra balaliisuuf xuqaa magariisa kana gadi qabi kan jedhu arge. Innis achumaan xuqaa magariisa sana xuqe! Xiyyaarris akka ajaayibaatti samiirra balali'uu eegale😁Namichis baayyee gammadee!
👉Imala daqiiqaa 20 booda Xiyyaara kana lafa qubachiisuu barbaadee (page) fuula 4ffaa dubbisuuf yeroo kitaabicha banuu akkas kan jedhu arge. =} Xiyyara akkatti qubachiisan baruuf kitaaba volume lammaffaa mana kitaabaa sinitti dhiyoo jirurraa bitadhaa kan jedhutu jira🤣
👉Dhaamsa: Waan tokko odeeffannoo guutuu osoo Hin qabaatiin Hin eegalin"
Galatoomaa🙏🙏
06/18/2023
BAQAQAA KOOMEE KOO!
________________________
Seenaa dhugaa kana obsaan dubbisaa namaafis hiruu(share) godhuu hin dagatiinaa!
Ani jaarsa guddaa umuriin koo waggaa 65 ti. Ergan dhaladhee guyyaanitti taa'ee boqodhee aara galfadhe hin jiru. Lafti bariitu dhiitu kan koo jooraa fi dadhabii dha. Waggaa 65 kana keessatti bu'aan buufadhe yoo jiraate goophoo dugdaa fi baqaqaa koomee koo qofa.
Lafaa fi bultii gaariin qaburraa bara Dargii keessa gara dirree waraanaattan ergame. Baran achi ture keessatti gara maatii kootti deebi'ee argee dubbisuuf carraas ta'e eeyyamma hooggantoota koorraa argachuu hin dandeenye.
Biyyoota ollaa mara keessa deemuun dirqama koo hedduu baheen jira. Xalayaa maatii kootti yeroo maraa nan barreessa garuu isaan biraa gaaf tokko xalayaan gaafa naaf deebi'ee ergamu argee hin beeku.
Kun hunduu gaaffii waan natti ta'uuf yeroo maraa hiriyyoota koo akkuma koo maatiif xalayaa barreessan nan gaafadha ture. Kan isaan naan jedhan ''obsi guyyaa tokkoo siif erguu malu, Bakka itti ergite dogoggora yoo ta'eef mirkaneessii'' kanuma qofa.
Yaaddoon koo kanarra darbee hedduu natti cime. Yeroo maraa tarii maatiin koo lubbuun dhumaniiruu laata kan jedhus natti dhagahama. Yeroo tokko tokkommoo lakkiii xalayaa isaan naaf barreessuu hin dhiifne ta'a garuu warra isaan itti ergantu karaatti hambise ykn immoo bakka itti ergan dogoggoran ta'a jedheen of jajjabeessa ture.
Egaa turtii koo waggaa 14 waraana keessa tureen dhumarratti cinaachi koo gar tokkoo rasaasaan waan rukutameef akkan waraana gadhiisee bahu itti gaafatamtoonni koo murteessan. Gaafan achi bahuu harka qullaa xalayaa gadhiisee bahuu koo qofa naa laachuun gara biyya dhaladhetti na deebisan.
Waraana keessatti cimina lolaa fi kallattii diinni jiru adda baasanii beekuutiin kutaa waraanaa ani keessa ture sana keessatti kan anaan qixxaatu tokko hin turre. Garuu sadarkaan guddinaa tokkollee osoo naaf hin laatamne waggaa 14 biyya abbaa fi akaakayyuu koo lafee nyaattee anatti dabarten tajaa
05/10/2023
Guyyaa tokko Abbaan warraa Yeroon Hojii itto darbinaan jejjersuun ka'ee haadha warraa isaatiin "Summii Ilbiisaa kana karaarraa kaasi, Ijoollee summeessaatii, an deemeera" jedhee gara hojii kute.
Bakka hojiisaa ga'ees dalagaa eegale....Xiqqoo turee bilbilli bilbilameefii "Mucaankee miidhamteettii kottu dafii mana." Jedhameen.
Innis Rifaasuun kaataa manatti kophise. Namootis haadha warraa isaatiif sodaataa, waanni jedheen dalaguu dhiisuu iseen daa'imtisaa Summicha dhugdee du'uusheen Aaree akka inni ajjeesutti sodaataa eegaa turan.
Haata'uutii gaafa mana ga'u "Haadha warraakoo dhiifama naaf godhi, natu balleesse, Karaarraa kaasuun qaban ture....natu mucaa keenya ajjeese...." jedhee boo'uu eegale.
Namootis Gochasaa raajeffatan, sila waan inni ajjeesu se'uun sodaataa turan, garuu dubbiin faallaa taate. Namichi badii ofiisaatti fudhate......
Waan ofii gochuu danda'u ishiif dhiisuu isaa, badii uumameef isheerra qoqqobbii gochuu dhiisee itti gaafatamummaa fudhachuun...... kun hundi jaraan ni dinqe.
Quba walitti qabuurra, badiif itti gaafatamummaa fudhachuu haa shaakallu.
Oolaame.
Kitaaba Eebbisa Baayyisaa irraa!
Kaan siniifan dhiise.
05/01/2023
Biyya keeniyaa hospitaala mootummaatti dhukkubsataan yaalamuuf deeme tokko X-ray erga ka'ee booda, ilbiisni (cockroach) fayyaan lapheessaa keessa akka jirtu itti himan.
Gara Singapore deemees yaalamuu akka qabu himaniif. Dhukkubsatichi Singapore deemee yoo ilaalamu, ilbiisni (cockroach) sun lapheessaa keessa osoo hintaanee, 'maashinii
X-ray' kaasu sana keessa akka jirtutu itti himame.
Yeroo baay'ee waan ittiin ilaallu osoo hin qulqulleeffanne ykn fooddaa ittiin laallu osoo hin qulqulleeffanne xurii waan biraa himuuf deemna, xuriin garuu waan nuti jennuun San odoon
ta'in ilaalcha keenya ykn Meeshaa nutti ittiin laalludha!
04/23/2023
Gootni du'ee hin beeku💔
04/18/2023
Xalayaa Jaalalaa❤
Akkam ati nagaadha? Bakka jirtutti nageenyi waaqayyoo xiyyaara jaalalaa yaabee, gaara qaxxaamuree, dachaa bu'ee ka'e, bakkuma jirtutti sii naaf haa qaqabu. Dhugaadha eessaa akkan siif eegaalu hin beeku. Yeroo turtii keenyaa keessatti gochaaleen ati na faana dabarsite hunduu libsuu ijaatiif iyyuu narraa addaa bahe hin beeku. Akkan itti si jaalladhetu dinqiidha. Jaalala dhugaadhan na bite. Onnee koo na boojite. Dhugaadha ati anaaf badhaasa waaqa biraa naaf ergamteedha se'een onnee koo irraa si jaalladhe. Sababan si jaalladheef wanti na aarsu tokko hin jiru. Ani badii buraa hin qabu. Si jaallachuu kootiif wanti na gaabbisisuu hin jiru. Bu'aan jaalala nama tokkon qofaan dhufuu tilmaamuun nama hin rakkisu. Yoo xinnaate barnoota akka naaf ta'uuf daandii of eeggannoo akka naaf ta'uuf barnoota guddaa naaf laattetta. Yeroo ati damma koo naan jettu dhugaadha see'een keessi koo heeddu sitti gammada. Akkan siif ta'un dhaba. Har'a ati si jibbeera naan jettus ani ammayyuu sin jaalladha. Barnoota ati naa laatteen bor jaalala dhugaaf sobaa adda baasuun natti hin ulfaatu. Yoo xinnaate jechuun ati daandii jaalala dhugaa fi sobaa akkan adda baafadhu na barsiisfeetta. Ati akka karoora ana waliin jiraachuu hin qabne kaniin bare yeroon bakka hojii deemu fi yeroo irribni na fudhatu gochaalee ati gootu hundaa yeroon gurraa kootiin dhaga'eef ija kiyyaa n argen bare. Ji'oottaan hanga kanaa sii waaliin jiraadhee barnoota guddaan horadhe. Ani ijaan onnee koo irraa si jaalladheef wantoota ani gurraan dhaga'u hunduu soba natti fakkaata ture. Ergaan barreeffaama siif ergamaa turee hunduu soba jedheen amanan ture. Garuu dhuma irratti dhugaa ta'uu isaan amane. Mal godha egaa anii siif jedhee firaa fi hiriyaa kootiin jibbamuun koo ijaan jaalala dhugaa siif qabuuf ture. Amma garuu gaabbeera. Guyyaa tokko ergaa namni siif barreesse turee si gaafannaan dhugaadha hin beeku nama kana naan jette. Yaadattaa laataa, siif jedhee jireenya ani dabarse? Atiis jaalala soba iyyuu haa ta'u malee
04/05/2023
MAALOO HUNDUU DUBBISAA HIROYOOTA KEECHANIIN GAHAA
Seenaa Kana Dubbisaa Waan Hedduu Irraa bartuu!
====================================
Abbaa manaaf haadha manaatu ture. Isaan lameenuu
hiyyeessa (harka qalleessa) turan. Haati manaa isaa
guyyaa tokkos rakkadheera jettee isa rakkistee tasuma hin beektu ture. Gaafa tokko akka tasaa baay'ee waan
cinqamteef, fala dhabnaan akkas jette "rifeensi koo
garmalee dheera waan ta'eef dibata baay'ee fedha.
Osoo qabaattee waan rifeensatti dibatan naaf bittee
natti tola ittiin jette". Innis baay'ee gaddee anis taa'ee
waa'een moofawuu kophee koo yaadaan ture jedhee
yaadaan liqimfame. Dhiisi hin yaadin jaalalli nuuf gaha
jettee tasgabbeessiteen. Ganama hirribaa ka'ee osoma
deemu dukkaana kuusaa kophee bira gahe. Achumaan
dukkaanichatti goree akkas jedhe ..adaraa ani
hiyyeessa, waan konkolaataan yaabee galu dhabe
karaatti rakkadhe, kopheen koo dulloomaa ta'us narra
bitaa qarshii ta'e naaf kennaa jedheen. Isaanis tole
jedhanii qarshii kennaniifii kophicha irraa bitan.
Dukkaana biraa deemee qarshii sanaan dibata rifeensaa
bitee miila qullaa karaa dheeraa qaxxaamuree gale.
Yeroo galu haati manaa rifeensa ishee gabaabsitee jirti.
Maal goote rifeensa? Maal taate ani dibata ati jette siif
bitee dhufe ittiin jedhe. Isheenis akka mana rifeensa
dubartootaa deemtee rifeensa ishee irraa kuttee
gurgurtee, kophee haaraa isaaf bittee dhufte itti himte.
Lamaan isaaniyyuu imimmaan ta'anii hafan. Jaalalli
dhugaa kan gaafa maallaqa qaban qofaa miti, Jaalalli
isa onnee keessatti mana ijaaree halkaniif guyyaa taa'udha.
Jaalala dhugaa rabbi nuuf haa kennu!
🥰
03/23/2023
Dubbisi waa hubatta
Shamarren Bareedduun Bifa nama hawwaatuu qabdu tokko Maahatmaa Gaandii argite, "Gaandii sin jaaladha"🥰jetteen.
Maahatama Gaandiinis, Ani umriin deemeera, bareedina nama hawwaatuu hin qabu. dargaggeessi dudduuba Kee jiru kun bareediinaan na caala, umriinis narra dargaggeessa, qabeenyaa na caalaa qaba, isatti osoo heerumtee siif wayya' jedhaan.
Isheenis ofirra garagaltee dudduuba ishee laalte, namni ishee duuba hin jiru.
'Gaandii, namni ati jechaa jirtu natti hin mul'annee merree jetteen. Maahatama Gaandiinis itti seeqee😊 "Osoo dhuguma na jaalatta ta'ee dudduuba Kee hin ilaaltu turte" jedheen jedhama!🥰
SulSulula YaadaaaSulula Yaadaa
03/17/2023
Namoota tokko tokko akka sijaallatan gochuun akka hin danda'amnen baradhe.kan gochuun danda'amu qulqullummaan nama jaallachuu qofa waan ta'eef jaalala dhugaa namaaf qabaadhu.
Jaalalli amanamummaadha amanamummaa ijaaruuf ammoo baroota hedduu sitti fudhata.
Jaalala dhabamsiisuuf garuu daqiiqaan tokko gahaadha.
kanaaf ijaaruu irratti xiyyeeffannoo godhi.
Hiree abbaan ofitti hir'ise namni namaaf hin guutu.
Sulula Yaadaa
Ummata Oromoo fi Seenaa
diddaa gabrummaa (Hagaa
dhaloota Waldaa Maccaa fi
Tuulamaatti)
Ummatni Oromoo eerga waanjoo
gabrummaa jallatti kufee eegalee, bittaa
diinaa tole jedhee hin fudhanne. Bifa hin
qindoofneen iyyuu haa ta’u malee,
ummatni Oromoo yeroo adda addaatti
bifa fi haala adda addaan qabsaawaa
tureera. Mee gaggabaabsinee qabsoo
diddaa gabrummaa ummatni Oromoo
godhe haa ilaallu.
Bara 1928 fi 1948, ummatni
Oromoo Raayyaa fi Azeeboo
hacuuccaa mootummaa
Haayile Sillaaseen murmuun
lola godhaniin loltuu
mootummaa
Haayilessillaasee injifachuun
naannoo isaanii
bilisoomfatanii turan. Booda
garuu, Haayilessillaaseen,
gargaarsa humna qilleensaa
Ingilizii, yeroo sana Eden ture
gargaaramee humna isaanii
cabsuun lafa bilisoomee ture
guutummaatti deebisee
gabroonfate.
Bara 1936 Oromoon
Wallaggaa, Illuu fi Jimmaa
wal-ta’anii konfedereshana
ijaarrachuun mootummaa
Habashaa jalaa walaba
ta’anii jiraachuuf, karaa
mootummaa Ingilizii waldaa
mootummoota addunyaatti
iyyannoo galfatan.
Bara 1941-42 Oromoonni
Shawwaa, Harargee fi
Jimmaa gabrummaa
Habashaa jalaa walaba
ta’anii jiraachuuf iyyata
mootummaa Ingilizii bara
sana biyyattii bulchuuf
aangoo qabutti iyyatanii
turan.
Bara 1946 Oromoonni Carcar,
Dirree Waleensuu jedhamutti
lola waraana
Haayilessillaasee irratti
bananiin nafxanyaa hedduu
fixanii waggaa lamaaf
bilisummaan jiraatan.
Waggaa lama booda,
waraanni Habashaa meeshaa
baraatiin loluun humna
ummata kanaa cabse.
Hoogganoota waraana kana
hoogganan keessaa
Mummad Jiloo fi Mummaad
Jawwee fakkeenya. Bara
1963, ummanni Oromo
Baalee mootummaa
Haayilessillaasee irratti
fincilee, lola godheen, yeroo
muraasaaf ummata Baalee
mootummaa Habashaa jalaa
bilisoomsee ture. Humna
kana rukutuuf humni Ingilizii,
Isiraa’el fi humni qilleensaa
Ameerikaa badii guddaan
ummata Oromoo irra akka
gahu godheera.
Barri 1964, bara Waldaan
Maccaa fi Tuulamaa itti
dhalate ture. Waldaan kun
waldaa misoomaa fi wal-
gargaarsaa kan Oromoo haa
jedhamu malee, ummanni
Oromoo eenyummaa isaa
akka baruu fi eeggatu
03/16/2023
Gaarii yaadi, yaada qajeeltummaa qabu keessa jiraadhu; baay'ee tasgabbaa'i. Deebiin isaa ofii kee waliin nagaa qabaachuudha.
Of waliin nagaa qabaachuun immoo eenyumaanuu walitti nama hin'buusu.
Stay positive.🥰
MADDA SUURAA,EMPICS
Sa'aatii 3 dura
Indiyaatti dubartiin tokko erga heerumtee booda abbaa warraa fi maatii isaatiin dararamuun akka dhiiga laguu ishee gurgurtu dirqisiifamuu himatte.
Taateen tolchaaf jedhamee raawwatamu kun wayita dhagahamu hawaasa keessatti rifaatuu guddaa uume.
Dubartiin umrii waggaa 28 Indiyaa bulchiinsa Beed bakka Pune jedhamtu keessatti buufata poolisii Vishirantiwadi jedhamutti himata dhiyeeffatte.
Akka himatashee kanatti maatiin abbaa warraashee Hagayya 2022 keessa dhiiga laguu ishee gurgursiisuuf jecha guddoo dararan.
Akkasheen himattutti erga yeroo sanaatii abbaan warraa ishee maatii isaa waliin ta'uun miidhaa qaamaa fi xiin-sammuu irraan ga'aa yoona ga'aniiru.
Yakka kanaan walqabatee abbaa manaa ishee fi miseensota maatii isaa torba irratti gaafa Bitootessa 7, 2023 himannaan banameera.
Miseensi poolisii buufata poolisii Vishrantwadi Inispeektar Dattaatiray Bapikaar akka jedhanitti, shamarreen kun bara 2019 heerumtee bara 2021 dararaan irra ga'uu mana murtiitti himattee turte.
Garuu abbaan warraashee fi haati isaa waan ishee doorsisaniif himannaa sana adda kutte.
Like follow gochuun nu deeggaraa 🙏
SSulula YaadaaYSulula Yaadaa
Click here to claim your Sponsored Listing.